Duula giddu seentummaa Ityoophiyaarratti baname lammiileen keeniyaa balaaleffachuu akka qaban gaafatame

Finfinnee, Sadaasa 26, 2014 (FBC) – Duula giddu seentummaa Ityoophiyaarratti gaggeeffamaa jiru lammiileen Keeniyaa balaaleffachuu akka qaban, Keeniyaatti Amaasaaddarri Ityoophiyaa Ambaasaaddar Mallas Alem gaafataniiru.

Ambaasaaddar Mallas Alem Feestivaala aadaa walitti dhufeenya aadaa hawaasa Booranaa fi Keeniyaa cimsuuf Magaalaa Naayiroobii jiddu gala Boomaas Hoovi keessatti qophaa’erratti hirmaataniiru.

Ityoophiyaa fi Keeniyaan walitti dhufeenya dippiloomaasii cimaa waggoota 57 oliif ture kan wal amantaa irratti hunda’e qabu jedhan.

Lammilee biyyoota lameenii jidduu dippiloomaasiin ummataa fi ummataa keessattuu gama dipploomaasii aadaatiin jiru caalmaatti cimee akka itti fufuuf ni hojjetama jedhan Ambaasaaddar Mallas Alem.

Dhalattoonni Booranaa Keeniyaa jiraatan Ityoophiyaa bira dhaabbachuun deeggarsa obbolummaa agarsiisaniif galateeffatanii, duula jiddu seentummaa Ityoophiyaarratti baname balaaleffachuu akka qabanis waamicha dhiyeessaniiru.

Ityoophiyaan rakkoo keessoo ishee mudate ofiin furachuuf ga’umsaan fi kutannoo qabaachuu ibsuu isaanii ragaan Waajjira Dubbii Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment