Duula gareen shororkeessaa nurratti bane qolachuuf ni duulla –Dargaggoota magaalaa Gaambeellaa

Finfinnee, Onkololeessa 26, 2014 (FBC) – Duula gareen shororkeessaa ABUT Ityoophiyaarratti bane qolachuuf gara adda waraanaatti duuluuf qophii ta’uu Dargaggoonni magaalaa   Gaambeellaa beeksisan.

Duula biyya diiguu gareen kun bane qolachuu fi biyya baraaruuf kan duulan ta’uu dargaggoonni kunneen himaniiru.

Ergamtoota garee shororkeessaa saaxiluuf kan hojjetan ta’uus eeraniiru.

Mootummaan eeruu ummataa bu’uura godhachuun tarkaanfii ariifataa akka fudhatu gaafataniiru.

Biyyaaf duuluun du’uun seenaa hojjechuu ta’uu isaan shira gareen shororkeessaa ABUT biyya diiguuf xaxaa jiru qolachuuf kan duulan ta’uu dargaggoonni kunneen mirkaneessaniiru.

Maddi:TOI

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment