Duula biyyarratti baname injifannoon xumuruuf hawaasni hundi qooda isaa ba’uu qaba –  Humna addaa naannoo Somaalee

Finfinnee, Onkololeessa 25, 2014 (FBC) – Duula biyyarratti baname injifannoon xumuruuf hawaasni hundi qooda isaa ba’uu akka qabu Humni addaa naannoo Somaalee waamicha dhiyeesse.

Nageenya waaraa mirkaneessuu fi labsii yeroo ariifachiisaa hojiitti hiikuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Ajejaa olaanaan Humna addaa naannoo Somaalee  Komishinar Mahaammad Ahimad ibsaniiru.

Jiraattoonni naannichaa olola sobaarraa of qusachuun naannoo isaa dammaqinaan   eeggachuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.

Gochaa suukkaneessaa gareen shororkeessaa ABUT lammiilee fi biyyarra qaqqabsiisaa jiru yeroo dhumaaf dhaabuuf hundi tumsa barbaachisu taasiisuu akka qabu hubachiisaniiru.

Hawaasni naannoo jiraatu sirnaan eeguun haala jiru qaamolee nageenyaaf odeeffannoo laachuu akka qabu gaaffachuu isaanii Miidiyaan naannichaa gabaaseera.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment