Duula biyya baraaruun kan ijifatame ABUT fi ergamtoota isaa qofa osoo hin taane biyyoota Lixaa kan dabalatu ta’uu ibsame

Finfinnee, Muddee 29, 2014 (FBC) – Poolisii Federaalaatti Qajeelchi waliigalaa ittisa yakkaa
sagantaa cufuunsa gamaaggama raawwii baatii jahaa gaggeesseera.

Saganticharratti Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisaa Dooktar Abrahaam Balaay dabalatee hoggantoonni olaanoon damee nageenyaa fi keessummoonni waamichi taasiifameef argamaniiru.

Komishinarri Komishinii Federaalaa Jeneraal Dammallaash Garbramikaa’eel hojii nageenya kabachiisuun raawwii olaanaa galmeessaniif waraqaa ragaa fi badhaasa laataniiru.

Seenaa kamuu keessatti Ityoophiyaan weerartoota alaan injifatamtee hin beektu jedhan waltichirratti qajeelfama hojii laataniiru.

Weerara garee shororkeessaa ABUT biyyarratti bane qolachuuf waraanni qindaa’aan Muummee Ministiraa FDRI Abiy Ahimadiin durfamu injifannoo galmeesseef galateeffataniiru.

Muummee Ministiraa FDRI Abiy Ahimad damichaan erga Riifoormii taasiisaan Poolisiin Ityoophiyaan sadarkaa olaanaan hojii milkii qabu hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.

Duula biyya baraaruun kan ijifatame ABUT fi ergamtoota isaa qofa osoo hin taane biyyoota Lixaa kan dabalatu ta’uu ibsuu isaanii ragaan Komishinii PoolisiinFederaarraa argame ni muul’isa.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment