Finfinnee, Sadaasa 18, 2014 (FBC) – Duula birmadummaa cinaatti hojiileen idilee cimanii itti fufuu akka qaban ibsame.
Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti koreen dhaabbii dhimma Misooma Humna Namaa fi Teeknooloojii komishinii siiviil sarvisii fi dhaabbilee itti waamamoo waliin sochii hojii fuulduraarratti ibsi kennameera.
Duula birmadummaa yeroo gabaabaa keessatti goolabuuf hojiileen idilee hojjetamaa qabsoo adeemsifamaa jiru itti fufsiisuun barbaachisaa ta’uu Walitti qabaan korichaa Dooktar Nagarii Leencoo ibsaniiru.
Komishiniin siiviil sarvisii sochiilee hojii naannolee dabalatee hojiilee hojjetaman teekinooloojiin deeggaramuun tajaajila si’ataa fi bu’a qabeessa kennuuf hojii cimaan hojjetamuu akka qabu kaasaniiru.
Kenniinsa tajaajilaa ilaalchisee tajaajilamtoonni hubannoo diijitaalaa akka qabaataniif hojjetamaa jiraachuu komishinarri koomishinii siiviil sarvisii Dooktar Makuriyaa Hayilee ibsaniiru.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.