Finfinnee, Onkololeessa 30, 2014 (FBC)- Mootummaan gaaffii keenya yeroo dheeraa waan nuu fudhateef duula birmadummaa Ityoophiyaa kabachiisuuf taasifamurratti hirmmaachuuf qophii ta’uu miseensonni Humna Qilleensaa Ityoophiyaa duraanii ibsan.
Waamicha Raayyaan Ittisa Biyyaa miseensota Raayyaa Ittisa Biyyaa duraaniif taasise hordofee waldaan deeggarsaa fi misooma Raayyaa Ittisa Biyyaa Ityoophiyaa ibsa laateera.
Waamichi mootummaan miseensota raayyaa ittisa biyyaa duraaniif taasise isaan gammachiisuu preezdaantiin waldichaa ajajaan Shantamaa Biraanuu Amaaree ibsaniiru.
Ityoophiyaan rakkoo keessa jiraachuusheetiin waamicha mootummaan taasiseef deebii laachuuf qophii ta’uu ibsuun, waldichi miseensota raayyaa ittisa biyyaa duraanii kutaalee biyyatti hunda keessa jiran kan qindeessu ta’uu eeraniiru.
Miseensonni raayyaa ittisa biyyaa duraanii addatti hiriiruun, beekumsaa fi muuxannoo isaanii qooduun akkasumas leenjii kennuun qooda olaanaa kan taphatan ta’uu kaasaniiru.
Maddi:- TOI
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.