Duukamitti manni Birri miiliyoona 100 oliin ijaarame harka qalleeyyiif dabarfame

Finfinnee, Sadaasa 17, 2016 (FBC)- Magaalaa Duukamitti manni Birri miiliyoona 100 oliin ijaarame harka qalleeyyiif dabarfameera.

Guyyaan Saboota, Sablammootaa fi Ummattoota Itoophiyaa 18ffaa hojiiwwan tajaajila lammummaa garaa garaan kabajamaa jira.

Biiroon Dhimma Dubartootaa fi Daa’imman Oromiyaa fi Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuu waliin ta’uun dubartoota harka qalleeyyii torbaaf mana Birrii miiliyoona 100 oliin ijaarsise bakka Afyaa’ii Itti Aanaan Caffee Oromiyaa Obbo Eliyaas Ummataa argamanitti furtuun manichaa kennamuu ragaan Caffee Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Sagantaa kanarratti, Obbo Eliyaas Ummataa dabalatee, Hooggantuun Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’imman Oromiyaa Aadde Maabraat Baacaa, Kantiibaa Itti Aanaa Mgaalichaa Aadde Zaaraa Kadiirii fi hooggantoonni biroo argamaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment