Duudhaawwan ji’a Ramadaanaa Keessa Mul’ifne Daran Cimsuun Walooma Gabbisuu Qabna- Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Ebla 1, 2016 (FBC)- Duudhaa walbira dhaabbachuu fi waliif yaaduu ji’a Ramadaanaa keessa mulifne daran cimsuun walooma keenya gabbisuu qabna jedhan Pireezidaantiin Naannoo Mootummaa Oromiyaa Shimallis Abdiisaan.
Ayyaanni Sooma Hiikaa waggaan 1445ffaan Tibba Nagaa fi Araara itti Labsinudha jedhaniiru.
Guutuun ergaa isaaniis akka ittaanutti dhiyaateera.
Hordoftoonni Amantaa Islaamaa Naannoo, Biyya Keenyaafi Addunyaa guutuurra jirtan hundi baga ayyaana Eid Al-Faxirii Bara Hijraa 1445ffaa Nagaan geessan, Eid Mubarek!
Baatiin Ramadaanaa kan guyyaa soomaan, halkan sagadaan dabarsan, kan Quraanni Rabbii itti qaraa’amu yeroo labsii nagaafi araaraati.
Raahamata waliif yaaduu, kan beela’e nyaachisuufi maaddii waliin qooddachuun, kan daare uffisuufi kan dhibame gaafachuun, nagaafi nageenya buusuufi qaamaafi qalbiin wal bira dhaabbachuun qajeeltoo amantii Islaamaa ta’eetu beekama.
Baatiin Raamadanaa kan balballi jannataa itti banamtee balballi jahannamaa itti cufamtuufi ji’a Quraanni keessatti bu’e ta’uun adda isa taasisa.
Hordoftoonni Amantaa Islaamaa ji’a kabajamaa kana baga nagaan geessan baga waliin geenye jechuun barbaada.
Ayyaanni Sooma Hiikaa waggaan 1445ffaan Tibba Nagaa fi Araara itti Labsinudha.
Nageenyi bu’uura waa maraa ta’uu qajeeltoon amantaa Islaamaa ni labsa.
Kanaafis hordoftoonni amantichaa baatii kana keessa nageenya labsu, nageenyaaf dhaabbatu. Nageenya labsuun, nageenyaaf hojjechuun bu’uura waamaraa tahuufi tokkummaa ummata keenyaa hundee jabaa irratti dhaabuuf daran barbaachisaadha.
Kanaaf ammoo abbootii amantaafi hordoftoota amantaa naannoo keenyaa hunda irraa ammas hojii guddaatu eegama.
Kabajamtoota hordoftoota Amantaa Islaamaafi uummatni naannoo keenyaa hundi walqixxummaa Amantaa heeraafi seera biyya keenyaatiin gonfannetti fayyadamaa, harka tokkoon nageenya mirkaneessaa, harka biraatiin ammoo misoomni rogdaneessi jalqabne libsuu ijaatiif boodatti akka hin deebineef xiiqiifi kutannoon hojjechuun dhimma egeree biyyaa dingadee jabaa irratti dhaabuufi biyya badhaate dhaloota dhaalchisuuti.
Mootummaan Naannoo Oromiyaas yeroo kamuu caalaa biyya keenya keessatti nageenya waaraan akka jiraatuuf, dinagdeen dandamataa qilleensaan hin raafamne akka lafa qabatuuf, wal qixxumman amantaa akka mirkanaa’u, namni kamuu daangaa mirga seeraafi uumamaan qabu keessatti ifaafi bilisaan hojjetee guddina biyyaas tumsaa jiruufi jireenya isaas akka jijjiiruuf kutannoon hojjachaa jira.
Imalli jijjiiramaa rogdaneessi eegalle abdachiisaadha; biyyi ijaaramaa jirtus hundarraa, hundaafi hundaan waan ta’eef bu’uura cimaa hin raafamne irratti jabeessaa jirra.
Kun ammoo hunda keenyaaf Injifannoo guddaadha.
Nageenya naannoo keenyaa mirkaneessuuf mareefi marabbaa cimsuun dhimma filannoof dhihaatu miti.
Kanaafuu qaamoleen walittis tahe ormatti mufatanii manarra bosona, mareen dubbii hiikuurra qawween dubbii jabeessuu, uummataaf nagaa buusuurra nageenya uummataa booressuu, bu’uuraalee misoomaa jajjabeessuurra barabadeessuu, jaalalaan ce’uurra jibbaan xaxamuu filatanii tokkummaa Oromoo laaffisuuf waxxifatan hundi gocha isaaniitti gaabbanii waamicha Mootummaan Naannoo Oromiyaa irra deddeebiin dhiheessu dhaga’anii nagaan gara qe’ee isaaniitti deebi’uun misooma biyyaaf akka tumsan irra deebiin waamichakoo dabarsuun barbaada. Kanaaf ammoo Mootummaan Naannoo Oromiyaa waan irraa eegamu hunda kan raawwatu ta’uun mirkaneessa.
Ummanni Muslimaas akkuma hiikoon Amantichaa nagaa jechuu ta’e, imala jalqabne galmaan ga’uun biyya keenyatti nageenya waaressuuf kutannoon akka hojjettan dhaamsakoon dabarsa.
Akkuma qajeeltoo amantichaa keessatti beekamu wayita ayyaana Eid Al-Faxirii kabajjan Zakaatal Faxirii nama rakkateef kennuun gammachiisuun cimee itti fufuu qaba jechaa ayyaanni kun kan nagaa, kan gammachuu, kan tokkummaan keenya itti jabaatu akka ta’u hawwaa baga nagaan geessan baga waliin geenye.
Eid Mubaarak !
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment