Duudhaalee jaalalaa fi tokkummaa keenya cimsuun ayyaanicha kabajuun barbaachisaadha- Mana Maree Federeeshinii

Finfinnee, Muddee 28, 2014 (FBC)- Duudhaalee Ityoophiyaa kan ta’an  jaalalaa fi tokkummaa keenya cimsuun ayyaanicha kabajuun barbaachisaadha jedhe  Manni Maree Federeeshinii.

Manni marichaa hordoftoota amantaa kiristaanaa maraan baga guyyaa ayyaana yaadannoo Yesuus Kiristoos geessan jechuun hawwii gaarii qabu ibseera.

Shira biyya diiguu birmadummaa Ityoophiyaarratti yaalame obbolummaa sabdaneessummaan qolannee Ityoophiyaan injifattuu taatee itti fuftee jirti jedhi manni marichaa ibsa isaatiin.

Ayyanichi Ityoophiyaanotaaf gammachuu dacha uumuu ibseera.

Ityoophiyaanonnii fi dhalatoonni Ityoophiyaa biyya alaa jiraatan ayyaanicha kabajuuf dhufuun isaanii boquu diinota Ityoophiyaa cabsuu ibseera.

Duudhaalee Ityoophiyaa kan ta’an  jaalalaa fi tokkummaa cimsuun ayyaanicha kabajuun barbaachisaa ta’uu eereera.

Warren rakkatan gargaaraa, kaayyoo waloof dhama’aa, abjuu qaaamolee lammiilee nagaarratti miidhaa geessisanii fashaleessaa, abdii Ityoophiyaan galaafatte dhugoomsuuf yeroo kamiyyuu caalaa seenaa gaarii galmeessisuuf dhama’uun kabajuun barbaachisaa ta’uu ibichaan kaafameera.

Ayyaanichi Ityoophiyaanotaaf kan badhaadhinaa, kan gammachuu, kan nagaa fi tokkummaa akka ta’u hawwuu isaa Daayrektoreetiin hariiroo uummataa mana marichaa ibseera.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment