Dursaan garee al Qaa’idaa ajjeefame

Finfinnee,Amajjii 29,2012 (FBC) – Yaman keessatti dursaan garee Al-Qaa’idaa ajjeefame.

Dursaan garee al-Qaa’idaa biyyoota Arabaa galaanaan marfaman keessa socho’u, AQAP Qaasmal-Raaymii Yaman keessatti haleellaa humna qilleensatiin Ameerikaadhan ajjeefamuu preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp himaniiru.

Hogganaan kun bara 2000 as haleellaawwan fedhii Ameerikaa laamsheessuuf raawwataman hedduu keessatti hirmaataa ture jedhame.

Hogganaan duraanii haleellaa humna qilleensarraan Ameerikaan erga ajjeefamee Qaasmal-Raaymii gara aangootti kan dhufe.

Garee inni dursu kana gareewwan Al-Qaa’idaa Sa’uud Arabiyaa fi Yaman keessa socho’antu wal ta’uun akka hundeessan himama.

Olaantummaa biyyoonni lixaa, keessattuu Ameerikaan naannawa biyyoota Arabaatti taasiiftu qolachuuf hundaa’tu dubbatama.

Oduun ajjeefamuu Al-Raaymii dhuma Amajjii irraa egalee tatamsa’ee ture, gareen kun Gurraandhala 2, hogganaan isaa lubbuudhaan jiraachuu viidiyoo gadi dhiiseen mirkaneessee ture.
Haleellaa humna waraanaa galaanarraa Ameerikaa yeroo darbe Peensacoolaa, Flooriidaa keessatti raawwate isatu hoggane jechuun ibsanii turan.

Ammas ibsi Waayit Haawusii ba’e Al-Raaymiin ajjeefamuu isaa malee yoom akka du’e wanti ibse hin jiru.

Maddi:-BBC

 

Comments (0)
Add Comment