Dureewwan biyyoota addunyaa Pireezidaanti Tiraampiif ergaa baga gammaddanii dabarsaa jiru

Finfinnee, Onkololeessa 27, 2017 (FBC) – Doonaald Tiraampi filannoo Ameerikaa injifachuu hordofee dureewwan biyyoota adda addaa ergaa baga gammaddanii dabarsaa jiru.

Tiraampi sagalee Pireezidaantii Ameerikaa 47ffaa ta’uuf isaan dandeessisu argachuu hordofee Ministirri Muummee Israa’eel Beeniyaamii Naataaniiyaahuun ergaa hawwii gaarii dabarsaniiru.

Tiraamp gara Waayit Hawusitti deebi’uun isaanii hariiroo Ameerikaa fi Israa’eel caalmaatti kan cimsu ta’uu himaniiru.

Qondaala olaanaa Hamaas kan ta’an Saamii Abuu Zuuhiriin gama isaaniin Tiraampi irra deebiin filatamuun waraana Baha Giddugaleessaa dhaabuuf qooda olaanaa qabaachuu abdii qaban ibsaniiru.

Ministirri Muummee Biriitaaniyaa Keer Istaarmar gama isaaniin yeroo itti aanu Doonaald Tiraamp waliin tumsaan hojjechuuf murannoo qabaachuu himaniiru.

Ameerikaa fi Biriitaaniyaan hariiroo waloo damee misoomaa, nageenyaa, Saayinsii fi teeknooloojii caalmatti kan cimsan ta’uu eeraniiru.

Doonaald Tiraamp filannoo Ameerikaa injifachuu isaaniin gammachuun qaban kan ibsan Ministirri Muummee Hindi Naareendiraa Moodiin, Tiraampi yeroo 2ffaaf filatamuun isaanii bu’aa gaarii akka galmeessan abdii qabaachuu kaasaniiru.

Hindii fi Ameerikaan hariiroo Tarsiimowaa fi tumsa idil addunyaa cimsuun waloon kan hojjetan ta’uu himaniiru.

Doonaald Tiraamp filatamuu isaaniitti daraan gammaduu Ministirri Muummee Hangaarii Viiktoor Oorbaan himaniiru.

Akkasumas Pireezidaantiin Faransaay Imaanu’eel Maakroon, Chaansilar Jarman Olaaf Shooliiz, Pireezidaantiin Yuukreen Vooloodmeer Zalaniskiin, Ministirri Muummee Xaaliyaanii Joorjiyaa Meelooniin, kan Ispeen Peediroo Saancheezii fi Ministirri Muummee Ayerlaandi Saayiman Hariis Pireezidaanti Tiraampiif ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.

Iraan ammoo Tiraamp filatamuun nageenya isheef sodaa hamaa ta’uu ibsiteerti.

Oomisha boba’aa Iraanirra irra deebiin qoqqoobbii kaa’uu fi Israa’eel Gabbisa Nukleerii ishee akka haleeltu eeyyamuu malu jedhuun sodaa qabdu ibsiteerti.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment