Dura taa’aan yeroo Gamtaa Afrikaa Maakii Saal Muummee Ministiraa Abiy Ahimad galateeffatan

Finfinnee, Amajjii 29, 2014 (FBC) – Dura taa’aan yeroo Gamtaa Afrikaa fi Preezdaantiin Seeneegaal Maakii Saal yaa’iin Gamtaa Afrikaa milkiin akka gaggeeffamu tattaaffii taasiisaniif Muummee Ministiraa FDRI Abiy Ahimad galateeffataniiru.

Maakii Saal cufiinsa Yaa’ii Gamtaa Afrikaa 35ffaarratti haasawa taasiisaniin Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad simannaa hoo’aa hirmaattota gamtichaa fi yaa’ichi milkiin akka xumuramu gumachaa taasiisaniif galateeffataniiru.

Biyyoonni Afrikaa shororkeessummaa, fonqolcha mootummaa fi rakkoolee kanneen fakkaatan dhabamsiisuu akka qaban hubachiisaniiru.

Nageenyaa fi misooma Afrikaa mirkaneessuuf waloon hojjechuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Lammiileen Afrikaa miiliyoonni dhibbi 6 ol ibsaa malee dukkana keessa jiraachuu eeruun, rakkoolee Afrikaanootaa dhabamsiisuu fi Afrikaa badhaate arguuf tumsaan hojjechuun murteessaa ta’uu kaasaniiru.

Yeroo itti aanu jijjiirrama qabeenya qilleensaa, walitti hidhamiinsa diinagdee, nageenyaa fi tasgabbii Afrikaanootaa mirkaneessuuf hirmaannaa cimaan kan barbaachisu ta’uu eeraniiru.

Wandasan Araggaanyitu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment