Dudhaaleen amantaalee tokkummaa fi waloomaaf bu’uura cimaadha-Obbo Aganyawu Tashaagar

Finfinnee, Ebla 1, 2016 (FBC)-Dudhaaleen Amantaalee nageenya waaraa ummataaf, tokkummaa fi waloomaaf bu’uura cimaa ta’uu Afyaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Aganyawu Tashaagar dubbatan.

Obbo Aganyawu Tashaagar Ayyaana Iid Alfaxiir 1445’ffaa sababeeffachuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarsaniiru.

Ergaa isaaniin, dudhaaleen amantalee nageenya waaraa ummataaf, tokkummaa fi waloomaaf bu’uura cimaa ta’uu ayyaanni Iid Alfaxiir wayita kabajamuu tokkumaa fi nageenyaaf dursa kennuun ta’uu qabas jedhan.

Obbo Aganyaawu, hawaasni musliimaa akka barsiisni amanticha ajajutti kanneen rakkatan deeggaruu, jalalaa fi waliif yaaduu bu’uureessuun gahee isaanii akka bahatan gaafataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment