Dubbisuun hawaasa tasgabbaa’e, kan qalbiin yaaduufi olaantummaa yaadaatti amanu ijaaruuf murteessaadha – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Caamsaa 26, 2016 (FBC) – Dubbisuun hawaasa tasgabbaa’e, kan qalbiin yaaduufi olaantummaa yaadaatti amanu ijaaruuf murteessaadha jedhan Ministirri Muummee FDRI Abiy Ahimad Dooktar Abiy Ahimad.
Dubbisuun aadaa kitaaboleenis fira akka ta’an akka biyyaatti hojjechuu qabna jedhan.
Manneen kitaabaa aadaa dubbisuu ijaaruuf murteessaa ta’an Finfinneefi magaalotii naannoleetti ijaaraa jirra.
Sagantaa Dijiitaal Itiyoophiyaa jalqabneen kitaabilee akka salphaatti waliingahuuf ni hojjenna jechuun ibsaniiru.
Korporeeshiniin Biroodkaastiingii Itiyoophiyaa karaa FM 97.1 bara 2016 kana guyyoota 100f dubbisuu jajjabeessaa turuu Dooktar Abiy Fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
Midiyaaleen kanbiroos haala walfakkaatuun dubbisuu akka jajjabeessanin dhaamaniiru.
Ganna dhufu dargaggoonni hedduun boqonnaa qabu,Yeroosaanii dubbisuufi tajaajila tola ooltummaa irratti akka dabarsan cimsinee hojjechuu qabna jedhan.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment