Dubartoota beekumsaa qaban horachuun dhimma dursuu qabudha- Pireezidaant Saahilawarq

Finfinnee, Hagayya 20, 2014 (FBC) – Dubartoota beekumsaa fi ofitti amanamummaa qaban horachuun dhimma dursuu qabudha jedhan Pireezidaantiin FDRI  Saahilawarq Zawdeen.

Sagantaan leenjii hoggansaa dubartootaa marsaa 5ffaan dubartoota 35 eebbisiisuun xumurameera.

Pireezidaant Saahilawarq saganticharratti haasawaa taasisaniin, dubartoota beekumsaa fi ofitti amanamummaa qaban horachuun dhimma dursuu qabu ta’uu kaasaniiru.

Baatii Amajjiirraa eegalee hanga ammaatti dhaabbilee mootummaa, siiviilii hawaasaafi dhuunfaarraa dubartoonni sadarkaa hooggansaa giddugaleessaarra jiran 143 leenjicha fudhachuu ragaan waajjira pireezidaantiirraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment