Dubartoota baadiyyaa ga’oomsuuf Islooveeniyaa waliin hojjechuuf waliigalteerra ga’ame

Finfinnee, Eebla 3, 2015 (FBC)- Dubartoota naannawaa baadiyyaa Ityoophiyaa jiraatan ga’oomsuuf Islooveeniyaa waliin walta’iinsaan hojjechuuf waliigalteerra ga’ame.

Ministirri Ministeera Dhimmaa Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoggee Tasfaayee, Ministira Dhimma Alaa Islooveeniyaa waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniinis Ityoophiyaatti dubartoota ga’oomsuun badhaadhina maatii mirkaneessuuf dhimmoota dandeessisanirratti mari’achuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Dooktar Ergoggee Tasfaayeen, mootumaan Ityoophiyaa dame diinagdee fi hawaasummaan dubartootaa ga’oomsuuf kutannoo qabaachuu ibsaniiru.

Ityoophiyaan qabeenyaa kuufamaa qabaachuu eeruun, dhimmoota mari’atanii fi misoomarratti Islooveeniyaa waliin hojjechuuf fedhii qabaachuu himaniiru.

Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment