Dubartoonni rakkoo hawaas diinagdee ummata Oromoo furuu keessatti ga’ee isaanii ba’achuu qabu – Preezidaanti Shimallis

Finfinnee, Caamsaa 22, 2014 (FBC) – Dubartoonni rakkoo hawaas diinagdee ummata Oromoo furuu keessatti ga’ee isaanii ba’achuu akka qaban Preezidaantii Bulchiinsa Naannoo Oromiyaa obbo Shimmallis Abdiisaan eeraniiru.

Dubartoota Godinootaa fi Magaalota Oromiyaa irraa walitti dhufaniif leenjiin mata duree ‘Karoora imala badhaadhinaa waggaa kudhanii, Ga’ee dubartootaafi Komnikeeshiinii’ jedhu irratti torbee tokkoof magaalaa Adaamaatti kennamaa ture xunurameera.

Xumura leenjichaa irratti Preezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaafi Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa argamuun kallattii hojii gara fuulduraa kennaniiru.

Barmaatileen duubatti hafaa fi hiyyummaan hundaa ol dubartoota miidhaaf saaxileera kan jedhan Obbo Shimallis kanaafis dubartoonni rakkoo hawaas diinagdee biyyattii furuu keessatti ga’een isaanii dachaa waan ta’eef adda durummaan hojjechuu qabu jedhan.

Itti Gaafataamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa gama isaaniin falaasamni idaa’amu yaadama aadaa fi duudhaa ummata biyyattii bu’ura godhate rakkoo Ityoophiyaan keessa jiruuf furmaata ta’a jedhan.

Dubartoonni gurmaa’insa isaanii cimsuun fayyadamummaa gama hundaan mirkaneeffachuuf adda durummaan hojjechuu akka qaban ibsuu isaanii ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannoo Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment