Dubartoonni Miseensota Mana Maree Magaalaa Finfinnee baroottan dhufan hojii fooyya’aa hojjechuu qabna-Aadde Adaanech Abeebee

Finfinnee, Waxabajjii 13, 2014 (FBC) – Guyyaa har’aa yaa’iin waliigalaa hundeeffama kokasii dubartoota Miseensota Mana Maree Finfinnee bara filannoo marsaa 3ffaa gaggeeffameera.

Wayita kanatti Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee, “gurmaa’uun humna; garuu gurmaa’uu qofti galma miti” jedhanii, hojiilee qabatamoon dabaalamuu qabaa himan.

Waggoota afuran hafan dubartoonni miseensota mana marichaa ajandaawwan xixiqaarraatti xiyyeeffachuu caalaa hojii fooyya’aa hojjechuu qabna jechun hubachiisan.

Dubartoonni, kennaa caalu haadhummaa qabu jedhanii, kun barnootaan gabbatee firii akka argamsiisuu gochuun ergama kokasii dubartootaa ijoodha jedhaniiru.

Afyaa’iin Mana Maree Magaala Finfinnee Aadde Buzeenaa Alqaadiir gama isaaniin, hirmaannaa dubartootaa guddisuuf, carraa jijjiiramni dubartootaaf uume fayyadamuun jecha caalaa gochaan badhaadhina Magaalaa Finfinneef hojjechuu qabna jedhaniiru.

Kokasichi gahee dursummaa isaa bahachuu qaba kan jedhan Aadde Buzeenaan, fayyadamummaa dubartootaas cimsuun barbaachisaadha ibsan.

Yaa’ii waliigalaa kanarratti Aadde Adaanechiin dabalatee, Afyaa’onni sadarkaa federaalaa fi naannolee biroon argamuu ragaan Waajjira Kantiibaa Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment