Finfinnee, Muddee 10, 2014 (FBC) – Dubartoonni magaalaa Finfinnee addabaabayii Masqalaatti hiriira ba’uun miidhaa gareen shororkeessaa ABUT Dubartootaa fi Daa’immanirra ga’aa jiru balaaleffataniiru.
Nagaan yaa bu’u, miidhaan Dubartootaa fi Daa’immanirra ga’u yaa dhaabbatu,dhiibbaa fi giddu seentummaan biyyoota lixa ni ga’a dhaadannoowwan jedhan dhageessisaniiru.
Ajjeechaa fi yakki dirqisiisaanii gudeeduu garee ABUTn Dubartootaa fi daa’immanirra gahaa jiru hammeenyummaa gareen kun wayita aangoorra ture raawwataa ture ifatti addunyaaf kan muul’ise jedhan Ministirri Dhimma Dubartootaa fi daa’immanii Dooktar Ergoogee Tasfaayeen.
Dubartiin waa hunda ,biyyi dubartootaan fakkeeffamti,gareen shororkeessitoota ABUT fi ergamtootni isaa Dubartootaa fi daa’imman miidhurratti kan xiyyeeffatan isuma kanumaafi jedhan Dooktar Ergoogeen.
Wayita ammaa tarkaanfii garee ABUTrratti fudhatamaa jirun injifannoo boonsa argamaa jiraachuu ibsaniiru.
Hoggansa Muummee Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad fi hirmaannaan dubartootaa injifannoo argameef qooda olaanaa qabaachuu ibsan.
Gammachiis Taarikuutu gabaase.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.