Dubartoonni iddoolee garaagaraa walitti babba’an magaalaa Asallaatti daawwannaa gaggeessaa jiru

Finfinnee, Muddee 20, 2013 (FBC) – Dubartoonni iddoolee garaagaraa walitti babba’an magaalaa Asallaatti daawwannaa gaggeessaa jiraachuu himameera.
Daawwannichaan ijaarsi fi fayyadamummaan dubartootaa ilaallamuu ibsameera.
Fayyadamummaa hunda galeessa dubartootaa mirkaneessuuf ijaarsaalee dubartootaa cimsuun akka barbaachisu Preezdaantiin Liigii Dubartootaa Paartii Badhaadhinaa fi Ministir Deettaan Ministeera Misooma magaalaa fi Konistiraakshinii aadde Masarat Masqalee ibsaniiru.
Dubartoota gurmeessuun fayyadamummaa diinagdee fi siyaasaa mirkaneessuuf hojjetamaa jiraachuu aadde Masarat himaniiru.
Magaalaan Asallaa damichaan bu’aa fooyya’aa galmeessuu kan ibsan aadde Masarat, muuxxannoo kana iddoolee birootti babal’isuuf daawwannaan kun qophaa’uu himaniiru.
Dubartoota Fayyaduun hawaasa fayyaduu ta’uu Kaantibaan Magaalaa Asallaa obbo Gabree Urgeessoon ibsaniiru.
Daawwannaan muuxxannoo waljijjiirraa kun Biiroo Dhimma Dubartoota, daa’immanii fi dargaggootaa Oromiyaa fi Liigii Paartii Badhaanidhaan kan qophaa’e ta’uu ibsameera.
Afawarq Iyyaayyuutu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment