Finfinnee, Adooleessa 25, 2013 (FBC)- Dubartoonni godina Jimmaa Aanaa Saqqaa Coqorsaa raayyaa ittisa biyyaaf galaa qopheessaa jiru.
Sirnicharratti itti gaafatamtuun waajjira Daa’immanii fi Dargaggoo godina Jimmaa Aadde Fadiilee Qaadii fi itti Aantuun liigii dubartoota Godina Jimmaa Aadde Zulaalaa Ahamad irratti argamanii ergaa dabarsaniiru.
Dubartoonni galaa kana qopheessa jiranis miira gammachuu qabuun hojjetaa akka jiranii fi raayyaa ittisa biyyaa cinaa lukkuu hanga Lubbuutti deeggaruuf ni dhaabbanna jechuusanii ragaan paartii badhaadhinaa godina Jimmaarra argamee ni muul’dhisa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.