Dubartoonni diinagdeen akka of danda’aaniif inisheetivii misooma dubartootarratti hojjechuun murteessaa ta’uu ibsame

Finfinnee, Mudde 6, 2015 (FBC) – Dubartoonni diinagdeen akka of danda’aaniif inisheetivii misooma dubartootaan gurmeessuun hojii bu’aa qabeessa hojjeechuun murteessaa ta’uu ibsameera.

Godina Jimmaatti hojiiwwan misoomaa dubartootaan hojjetaman daawwatameera.

Hoggantuun Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii oromiyaa Aaddee Jamilaa Sinbiruu fi hoggaantoonni olaanoon mootummaa naannoo fi godinaalee oromiyaarraa walitti dhufan daawwannaa kanarratti argamaniiru jedhame.

Godina Jimmaa Aanaa Qarsaatti hojiin dubartoonni gurmaa’uun misooma biqiltuu Avookaadoorratti hojjechuun bu’aa qabeessa ta’anii daawwatameera.

Aanichatti dubartoonni Avokaadoo omishuun gabaa alaaf dhiiheessuu eegalan bu’aa argataniin jireenya isaanii foyyeeffachaa jiraachuu ibsameera.

Biiroon Dhimma Dubdartooaa fi Daa’immaanii Oromiyaa dubartootaa godinichaa 30 ta’aniif Gaagura Dammaa,meeshaa Buna danfisuu fi kanneen biroo arjoomeera.

Abdurehmaan Mahammaditu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment