Dubaayiifi Kaaba Imireetotatti waamicha biyyaalessaaf Doolaarri kumni 303 ol walitti qabame

Finfinnee, Onkoloolessa 3, 2015(FBC)- Waamicha waqtaawaa biyyaalessaa mootummaan dhiyeesse hordofee Dubaayiifi Kaaba Imireetotaatti qindeessummaa Waajjira Qontsilaa Jeneraalaatiin Doolaarri kumni 303 ol walitti qabamuu ibsame.

Deeggarsa walitti qabame keessaa Doolaara kuma 300 kan ta’u waldaa hawaasa Ityoophiyaa Dubaayiifi Kaaba Imireetotaarraa kan walitti qabamuu eerameera.

Waamicha waqtaawaa biyyaalessaa mootummaan dhiyeesse hordofee Miisiyoononni FDRI biyyoota garaagaraa jiran hojii deeggarsa walitti qabuu cimsanii itti fufuu ibsameera.

Kanaan dura qindeessummaa  Abuudaabiitti Imbaasii Ityoophiyaan diyaaspooraarraa Doolaara kuma dhibba 5 ol walitti qabamuu ragaan Tajaajila Diyaaspooraa Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment