Du’aatii haadholii hir’isuuf xiyyeeffannoon hojjetama jira-Dooktar Darajjee Dhuguumaa

Finfinnee, Sadaasa 4, 2016 (FBC)- Bakki tursiisa haadholii dhaabbiilee fayyaa keessa jiran du’aatii haadhoolii hir’isuuf gahee isaanii olaanaa ta’uun ibsame.

Lubbuu haadholii sababa da’umsaan darbu hir’isuuf bakka tursiisa haadhoolii dhaabbiilee fayyaa keessaa cimsuu fi hirmaannaa hawaasan manneen haaraa ijaaruuf qooda fudhatoota waliin mariin gaggeeffameera.

Ministir Deetaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaan waltajjicharratti erga dabarsaniin, du’aatii haadholii hir’isuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jira jedhan.

Du’aatii haadhoolii hir’isuuf bakki tursiisa haadholii dhaabbilee fayyaa keessaa gahee isaanii bahachaa jiraachuu eeruun, qaamoolee dhimmichi ilaalatu kutannoon hojjechuu akka qaban hubachiisuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment