Du’aa ka’uu Yesuus Kiristoosiin golgaan dukkanaa tarsa’ee, cubbamootaafis dhiifamni ta’e- Obbo Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Eebla 7, 2015(FBC)- Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan Ayyaana Yaadannoo Du’aa Ka’uu Yesuus Kiristoos sababeeffachuun hordoftoota amantaa Kiristaanaa maraaf ergaa baga ittiin isin gahee dabarsaniiru.

Guutuun ergaa isaanii akka armaan gadiitti dhiyaateera.

Jalqabatti Waaqayyo lafaafi samii itti aansuun ammoo lubbuu qabeeyyii gosa garaa garaa uume. Namas akka bifaaf fakkeenya isaatti uumuudhaan uumama hundumaa akka bulchuufi tiksuuf aangoo kennee Jennata Eden keessa akka jiraatuuf eeyyame.

Haata’u malee, namni ulfinaafi kabaja guddaaf uumame goyyomsaa daabiloosiin toosifamee abboommii Waaqayyo isaaf dhaabe cabsuudhaan Jannata Eden keessaa ari’ame.

Ayyaanni Waaqayyoo tolaan ilmaan namootaaf kennamee tures irraa mulqamee qooda jireenyaa duuti bara baraa cubbuun durfamee eenyummaan Addaam hunda dhaale. Lafti eebbaaf uumames abaaramee jibba, cubbuufi ari’annaa goolamuu eegale.

Kanaan ilmi namaa gatii cubbuu du’a safaratee jooraafi jaawwaraa boqonnaa malee jiraatu akka ta’uuf itti murtaa’uu isaa Macaafni Qulqulluu ni agarsiisa.

Haala kanaan ilmaan namootaa bara Kakuu Moofaa hunda keessatti jireenya dukkanaan guutamee, imala gara du’a bara baraatti geessuun wal’aansoo qabaa missiraachoo sagalee Abdii raajotaan raajame Waaqayyo waaqarraa ergamee balbala mootummaa Waaqaa dhiifamaan deebisee isaaniif banu obsaaf amantiin eegachaa turaniiru.

Waaqayyo waaqa irraa ergamee icciitii uumamaa jijjiiruun foon ilma namaa uffatee wayita dhalatus ogeessonni warra Baha Fagoo aarsaa fidanii wayita sagadaniif warri akka Heroduutasiifi fakkaattonni isaa ammoo aaduu qarachuun ajjeesuuf qophaa’an.

Yerichi waan hin geenyeef jecha Waaqayyo garuu dubbicha geeddare. Akkasiin Waaqni Waaqa irratti ulfinaan guute ilmoo namaa bade barbaacha gad of deebisee salphina uffachuun jaalala araaraan guutuufi dhiifama madaallii hin qabne ilmaan namootaatti agarsiisaa dursaa mootummaa Waaqaa barbaaddadhaa jechuun barsiisa isaa eegale.

Dhukkubsattoota fayyisuun hidhaa cubbuu hundumaa irraas hiikaa dinqiiwwan Addunyaa keenyaaf keessummaa ta’an hojjechaa duuka buutota horachuunis jiraachaa ture.

Barsiisa Waaqayyo waaqakee garaa kee guutuu, laphee kee guutuu, yaada kee guutuu jaaladhu nama ammoo akka mataa keetti jaaladhu jedhu barsiisuun walitti dhufeenya namaaf waaqa jidduutti akkasumas namaaf namoota jidduudhaa cabee ture deebisee haaressuun abboommii haaraas ilmaan namootaaf dhaabe.

Itti aansuunis ergama isa xumuraa gara dachee kana isa fide Ani karaa, jireenyaafi dhugaa gara mootummaa Waaqayyootti geessudha, Anaan malee mootummaa waaqayyootti galuu hin dandeessan jedhus ifa gochuun baay’otatti gaaffiifi warra kaaniif ammoo missiraachoo lallabe.

Warri hidhaa garaa garaatii hiikaman gammachuun wayita simatan barsiisonni seeraa, fariisonniifi kanneen ergichi liqimfamuufii dide akkasumas Yihuudaanis maallaqaan goyyomfamee hammeenyaan guutamuun shira hamaa ragaa sobaan xaxuun du’aaf dabarsanii isa kennan. Harka loltoota bulchiinsa warra Roomaatti dabarfamee fannifamuun ajjeeffame.

Waan godhan hin beekanii yaa Abbaa dhiisiif jechuunis dhiifama lallabee lubbuu isaas ilmaan namootaa barbaacha dhufeef dabarsee kenne. Guyyaa sadaffaattis du’a mo’ee ka’uudhaan golgaa cubbuu diigee namaaf waaqa walitti araarse. Dhiiga isaatiinis cubbuu ilmaan namootaa qulleessee Ayyaana Faasikaa isaaniif cimse.

Taatee ajaa’ibsiisaan Yesus dukkana ifaan, cubbuufi irra daddarba hunda dhiifamaan haquun ilmaan namootaa mootummaa waaqayyootti dabalee har’a waggoonni 2015 darbaniiru.

Guyyaa aarsaan dhiifamuu cubbuu dhala namaatiif Fannoo irratti kaffalame kun hordoftoota Amantaa Kiristaanaa biratti waggaa waggaadhaan yaadatamuun ayyaaneffama.

Hordoftoonni Amantaa Kiristaanaa biyyaafi naannoo keenya keessa jiraattan baga guyyaa dinqisiisaa dukkanni ifaan injifatamee cubbuun aarsaa dhiigaafi dhiifamaan haqame guyyaa araaraa guddicha kana sababeeffachuudhaan ergaa baga geessanii wayitan isiniif dabarsu gammachuu guddaatu natti dhaga’ama.

Aarsaa Yesuus Waaqaaf nama walitti araarsuuf kaffale ija hedduu naqachuun har’a Addunyaa kana irratti duuka buutota hedduu horachuun nageenya Addunyaa keenyaaf labseera.

Kunis jibbiinsa sanyummaa balleessuun obbolummaa kan jabeesse, dhiifamaan ida’amanii araaraan ce’uu ayyaana Faasikaa irratti kan mirkaneesse dungoo ifa dhugaa Addunyaa keenyaa ta’ee tajaajilaa jira.

Kiristaanummaan jireenya dhugaan kan utubamu waan ta’eefis hordoftoonni Amantichaa waan gaarii ofii keessaniif akka isiniif ta’u hawwitan hunda daangaa tokko malee obboloota keessaniif akka taasiftan waamichan isiniif dhiyeessa.

Biyyi keenya Itoophiyaan naannoon keenya Oromiyaanis Amantaalee hedduu kan qabdu biyya wal danda’uun utubameefi jaalalaan miidhagdedha. Obbolummaa keenya bu’uura jabaa irratti ijaaramee jiru kana gamtaan tikfachuunis biyya dimokiraasiin keessatti dagaage ijaarrachuuf imala jalqabamee jiru tumsuun dhimma guyyaa biroof bulfamuu hin qabnedha.

Humnoota imala jijjiiramaa gufachiisuun dheebuu aangoof qaban milkeeffachuuf tokkummaafi obbolummaa sabootaaf sablammootaa diiguuf karoorsanii hojjechaa jiran fashaleessuuf ammas injifanoo keenya tikfachaa tokkummaan dhaabachuun fala waaraadha.

Qormaatawwan akka biyyaatti nu mudataa jiran injifachuufis sirna Federaalizimii sabdaneessa ijaaraa jirruufi barsiisa gaarii amantaalee garaa garaa uummanni keenya gonfate dhaabbata qabannee ceenee wal ceesifnu ta’ee kan nu tajaajiludha.
Uummanni keenyas madaalliin dhugaa akka hin dabne, haqi akka hin haalamne, sobni akka iddoo hin qabanneefi dhaloonni naamusa sirriidhaan akka guddatuuf gumaacha taasisaa jirtan imala keenya milkeessee daandii keenya qajeelchaa waan jiruufis isin galateeffachuun barbaada.

Imalli keenya saffisa barbaadamuun akka galma ga’uufis meeshaa gadoo jibba lagannee, araaraafi jaalala duudhaa waliin jiraachuu gabbifannee biyya hunda keenyaaf taatu haa ijaarru.

Wayita ayyaana kana kabajannus humna injifannoo arganne gurraachessuu barbaadu tokkummaan qolachaa, shira siyaasaa aangoo qaxxaamuraan fudhachuuf gaggeeffamu beeknee saaxilaa, nageenya labsuun imala jijjiirama biyyi keenya eegalte milkeessuuf waloon dhaabbachuu akka qabnun hubachiisuu barbaada.

Lammiileen keenya akkuma kanaan dura taasisaa jirtan harka-qalleeyyiifi dadhabootaaf hirkoo ta’uudhaan kan daare uffisaa kan beela’e nyaachisaa maaddii ayyaana Faasikaa akka waliin qooddannus waamicha dhiyeessaa ayyaanichi kan nagaa, gammachuufi obbolummaan keessatti calaqqisu akka isiniif ta’un hawwa.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment