Du’a Artistiifi qabsooftuu jabduu Haloo Daawwee yeroon dhaga’u gadda guddaatu natti dhaga’ame – Obbo Fiqaaduu Tasammaa

Finfinnee, Onkololeesa 4, 2016 (FBC) – Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaan du’aan boqochuu Artiist Haloo Daawwee hordofee ergaa gaddaa dabarsan.

Du’a Artistiifi qabsooftuu jabduu Haloo Daawwee yeroon dhaga’u gadda guddaatu natti dhaga’ame jedhan Obbo Fiqaaduu Tasammaan.

Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaateera.

Artist Haloo Daawwee urjiiwwan Afran Qalloo waliin ta’uun Artii uummata Oromoo guddisuufi yeroo uummanni keenya dukkana keessa turetti nama sagalee ta’aa turte.

Artist Haloon artistii qofa osoo hin taane nama jabduufi goota bilisummaafi walqixxummaan biyya keenya keessatti akka dagaagu keessumattuu uummanni Oromoo bilisummaafi mirga abbaa biyyummaa har’a gonfateef akka ga’uuf hojiiwwan Muuziqaa isheetiin gahee guddaa taphattedha.

Kanaafuu, gumaachi artistii gameettiin Haloo Daawwee guddina Artii Afaan Oromoofi qabsoo mirga abbaa biyyummaa Oromoo keessatti taasifte kan yeroon daanga’u osoo hin taanee bara baraan dhaloota waliin kan jiraatudha.

Hojiiwwan artii Haloon sagalee ishee kiiloleen dabaaluun uummata Oromoof gumaachite kan dhaloonni keessatti of ilaalu, irraa baratuufi labata boruuf galaa taasifatudha. Haloo Daawwee “… Shaggar Finfinneetti wal agarra…” jechuun sirbite tokkummaa Oromoo jabeessuufi Oromoo walbarsiisuu keessatti qooda guddaa kan taphatedha.

Artistii akka Haloo Daawwee dhabuun uummata keenyaaf hir’inaafi gadda guddaa ta’us dhaloonni hojiiwwan ishee baraan hin daangofne irraa barachaa hojii kana caalu hojjechuu qaba.

Du’aan addunyaa kanarraa boqochuu Artistii keenyaan gadda guddaa natti dhaga’ame ibsaa maatiifi firoottan ishee, jaallattoota hojii isheefi uummata Oromoo maraan jajjabinan hawwa.

Fiqaaduu Tasammaa, I/G Waajira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment