Dr. Tewoodiroos gochaa naamusa dhaabbatichaan alaa raawwachuurraa akka of qusatan Ityoophiyaan gaafatte

Finfinnee, Hagayya 27, 2014 (FBC) – Daayrektarri Olaanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dooktar Tewoodiroos Adihaanoom qajeelfamaa naamusa hojjettoota dhaabbatichaa faallessu raawwachuu akka dhaaban Ityoophiyaan gaafatte.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Waajjirri Ergamaa Dhaabbii Ityoophiyaa odeeffannoo sobaa fi olola Daayrektarichi Ityoophiyaa ilaalchisuun tamsaasanirratti ibsa kenneera.

Waajjirichi ibsa isaatiin ABUT bara Faranjootaa Sadaasa 3, 2020 haleellaa ajaja Kaabaarratti raawwachuu yaadachiisuun, ergasii as Dooktar Tewoodiroos hoggantoota ABUT waliin ta’uun olola sobaa tamsaasaa turuu eereera.

Carraalee mijatoo hundaatti fayyadamuun ifatti gochaalee seeraan alaa ABUT raawwatu deeggaraa tureera jedheera.

Dooktar Tewoodiroos gareen ABUT Naannoo Amaaraa fi Afaaritti dhaabbilee barnootaa, fayyaa, dhaabbilee tajaajila ummataa fi bu’uuraalee misoomaa mancaasu wayiita balaaleffatanii fi saaxilan argamees dhagahamee hinbeeku jedheera.

Gareen ABUT naannolee ollaatti gochaalee walitti bu’iinsa uuman raawwachuu itti fufuu ibseera.

Weerara yeroo darbeetiin dhaabbilee ummataa mancaasuu, sarbama namoomaa raawwachuu, gochaalee duguuggaa sanyii raawwachuu ammas naannoleetti itti fufuu yaadachiiseera.

Daayrektarichi dhimma namoomaa fi maatii fakkeessuun aangoo Dhaabbataa Fayyaa Addunyaa keessatti qaban, maqaa mootummaa Ityoophiyaa xureessuuf itti fayyadamaa jiraachuu hubachiiseera.

Gochaa kanaan maqaa gaarii, walabummaa fi amanamummaa Dhaabata Fayyaa Addunyaa hedduu kan miidhan ta’uu eereera.

Daayrektarri Olaanaan kun kanneen biroof fakkeenya ta’uu utuu qabanii, biyya miseensaa tokkorratti miidhaa raawwachuun namusa cabsaniiru jedheera.

Dambii naamusa hojjettoota Dhaabbata Fayyaa Addunyaa kan cabse gochaan Daayrekrichaa, boordiin hojii gaggeessaa dhaabbatichaa hatattamaan akka qoratuuf gaafateera.

Waajjirichi ibsa isaatiin, komii Ityoophiyaa ilaalchisee, Dooktar Tewoodiroos ittigaafatamaa dhaabbaticha keessatti qaban kaayyoo siyaasa dhuunfaa isaaniif itti fayyadamaa jiraachuu ibsuun, boordichaatti iyyachuu yaadachiiseera.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa biyyoota miseensotarratti miidhaa raawwatamaa jiru dhaabsisuu qabas jedheera.

Dooktar Tewoodiroos Adihaanoom irrattis hatattamaan tarkaanfii fudhachuu akka qabu hubachiiseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment