Finfinnee, Caamsaa 13, 2012 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad dhimma hidha haaromsaarratti muummee ministiraa Sudaan Abdallaa Haamdook waliin mari’ataniiru.
Guyyaa har’aa waaree booda marii viidiyoo koonfiraansii gaggeefameen Dooktar Abiy dabalatee ministirri Ministeera Dhimma Alaa FDRI obbo Gadduu Aandaargaachaw, Ministirri Bishaanii, Jallisii fi Inarjii Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaa dabalatee jilli olaanoo biyyoota lamanii irratti hirmaataniiru.
Marichis hidha haaromsaa guddiicha Ityoophiyaarratti ilaalchisee dhimma biyyoota lamaan gidduutti hin xumuramin hafe xumuruu fi dhimmoota hubannoo burjaaja’aa ta’an qulqulleesuu kan kaayyeffate ta’uu himaniiru.
Marichaan eegumsa naannoo, haala nageenya hidhichaa fi odeeffaannoo wal jijjiirraaf haalli mijachuu fi gama Sudaaniin dhimmoota ka’aniif deebiin kennameera.
Dooktar Abiy marichaan haala waqtaawaa sadarkaa hoji raawwii hidhichi irra jiru ibsaniiru.
Hidhi Haaromsaa biyyoota hundaaf faayidaa diinagdee akka qabuu fi walta’iinsaan carrichatti fayyadamuu akka barbaachisu haalaan ibsaniiru.
Karaa ministiroota bishaanii keenyaan marii teekniikaa itti fufuu fi dhimmoota hin xumuramne xumurree haala itti hundumtuu fayyadamaa ta’u faluuf waliigalleerra jedhan.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.