Dr. Abiy barreessaa olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii waliin mari’ataan

Finfinnee, Bitootessa 2,2012 (FBC)- Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad barreessaa olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutareez waliin bilbilaan mari’ataniiru.

Dooktar Abiy Ahimad fi barreessaa olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutareez waliin haala nageenyaa fi hojii nageenyaarratti mari’ataniiru.

Antooniyoo Guutareez Ityoophiyaatti jijjiiraama siyaasaa fi diinagdee gaggeeffamaa jiru fi dhaabbilee misoomaa naannoo kan deeggaran ta’uu ibsaniiru.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment