Dorrgommiin Shaampiyoonaa Guddattootaa Oromiyaa 9ffaan magaalaa Baatuutti eegale

Finfinnee, Amajjii 4, 2017 (FMC) – Dorgommiin madaallii leenjii guddattootaa 9ffaan qopheessummaa Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaan magaalaa Baatuutti eegalameera.

Shaampiyoonaa kanarratti Ispoortessittoonni Godinaalee, magaalootaafi giddugaloota leenjii adda aaddarra walitti dhufan hirmaatanii jiru.

Naannoon Oromiyaan burqaa atileetota sadarkaa addunyaatti injifannoo boonsaa galmeessan ta’uu kan kaasan Hogganaa itti aanaan Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa Obbo Dassaaleny Xilaahuun, yeroo dhiyoo as garuu dorgommiiwwaan Idil Addunyaatti gaggeeffaman irratti akkaataa barameefi barbaadameen injifaannoon galmaa’aa hin jiru jedhan.

Kana iddootti deebisuuf guddattootarratti hojjachuun barbaachisaa tahuu kaasaniiru.
Dajanuu Gonfaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment