Dorgommiiwwan sadii Itiyoophiyaanonni ni injifatuun eegamu har’a ni gaggeeffamu

Finfinnee, Hagayya 25, 2016 (FBC)- Har’a kan xumuramu Shampiyoonaan Atleetiksii Idil Addunyaa Umrii 20 gadiin dorgommiiwwan sadii Atileetonni Itiyoophiyaa ni injifatuun eegaman ni gaggeeffamu.

Haaluma kanaan dorgommii xumuraa fiigicha meetira kuma 1 fi 500 dubartootaan Atileet Saaroon Barhee fi Tsiggee Tashoomaan ni hirmaatu.

Dorgommichis halkan sa’aati 7:00 eegalee kan gaggeeffamu ta’uun ibsameera.

Akkasumaas fiigicha gufachiisaa meerira kuma 3 dhiirotaan Atileet Haayiluu Ayyaaleewuu fi Barrihuun Mogas halkan sa’aatii 7:15 irratti ni dorgomu.

Fiigicha meetira kuma 1 fi 500 dhiirotaan ammoo Atileet Abdiisaa Fayyisaan kan hirmaatu yoo ta’u dorgommichi halkan sa’aatii 8:00 irraa eegalee ni gaggeeffama jedhameera.

Shaampiyonicharratti Itiyoophiyaan hanga ammaatti Warqee 4, Meetii 2 fi Nahaasa 1 waliigalaan meedaaliyaawan 7’n Ameerikaatti aanuun sadarkaa 2ffaarrtti argamti.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment