Dorgommiiwwan Gulaallii Itiyoophiyaan irratti hirmaattu har’a ni gaggeeffamu

Finfinnee, Adoolessa 28, 2016 (FBC)-Olompikii Paariis 2024’n fageenya garaagaraan dorgommiiwwan Gulaallii sadii Itiyoophiyaan irratti hirmaattu har’a ni gaggeeffamu.

Fiigichi gulaallii walakkaa xumuraa meetira 800 dubartootaa fi meetira kuma 1 fi 500 dhiirotaa, akkasumas gulaalliin gufachiisaa meetira kuma 3 dubartootaa gidduutti har’a ni fiigama.

Har’a waaree dura sa’aatii 5:05 irraa eegalee fiigichi gulaallii gufachiisa meetira kuma 3 dubartoota gidduutti kan dorgomamu yoo ta’u, Atileet Siimboo Alamaayyoo fi Loomii Mul’ataan Itiyoophiyaa bakka bu’uun ni hirmaatu.

Fiigicha gulaallii walakkaa xumuraa meetira 800 har’a halkan sa’aatii 3:35 irraa jalqabee ni gaggeeffama.

Atileet Tsiggee Dhugumaa fi Warqinesh Massaleen xumuraaf ni darbuun eegamu.

Fiigicha gulaallii marsaa jalqabaan Atileetoonni lamaanuu ramaddii isaanirraa 1ffaa ba’uun marsaa kanaaf darbuun kan yaadatamuudha.

Haaluma walfakkaatuun fiigichi gulaallii walakkaa xumuraa meetira kuma 1 fi 500 dhiirota gidduutti halkan saatii 4:10 irraa eegalee ni fiigama.

Atileet Eermiyaa Girmaa fi Saamu’eel Taffarraan fiigicha xumuraaf ni darbuun Atileetoota tilmaama argataniidha.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment