Dorgommiiwwan fiigicha garaagaraa guyyaa har’aa gaggeeffameen Atleetni Ityoophiyaa milkaa’an

Finfinnee, Eebila 16, 2014 (FBC) – Dorgommiiwwan fiigicha garaagaraa sadarkaa idil addunyaa guyyaa har’aa gaggeeffameen Atleetni Ityoophiyaa milkaa’anirru.

Fiigicha Maaraatoonnii Hambargitti gaggeeffameen Atleet Yaalamzarf Yewaahalaa sa’aatii 2 fi daqiiqaa 17 fi sekondii 23 xumuruun rikkardii iddichaa fooyyessuun injifatte.

Maaraatoonii Ispeen Magaalaa Maadriditti gaggeeffameen Atleet Siraanash Yirgaa rikkardii iddichaa fooyyeessuun yoo injifattu,Atleet Masarat Ababaayehu sadarkaa 2ffaan xumurteerti.

Dhiirootan ammoo Abdallaa Godaanaa Shaambiyoonaa ta’eera.

Maaraatoonii Inisheedeetti dorgomameen Atleet Alemtsahaay Asaffaa 2ffaa, Atleet Abarraash Fayyisaa sadarkaa 4ffaan xumuraniiru.

Dorgommii dhiirota gidduutti gaggeeffameen ammoo Atleet Taadduu Abaatan sadarkaa 3ffaan xumureera.

Maaraatoonii Veennatti dorgomameen ammoo Atleet Urgee Sabbooqaa sadarkaa 4ffaan xumurteerti.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment