Finfinnee, Fulbaana 28, 2017 (FBC) – Dorgommiin Yaada Kalaqaa dubartoota Egeree Itiyoophiyaa Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamuu eegaleera.
Dorgommichi Mata duree ‘leenji’uu, badhaafamuu, ga’oomuu’ jedhuun kan gaggeeffamu yoo ta’uu Ministeerri Hojii fi Ogummaa Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii waliin qopheessaniiru jedhame.
Ministir Deetaan Ministeera Hojii fi Ogummaa Salamoon Sokkaa fi Daayrektarri Olaanaan Inistiityuutii Interpirunershiip Internaashiinaalii Dooktar Hasan Huseen saganticharratti argamaniiru.
Ogummaa dubartoonni gama Innooveeshinii fi Teeknooloojiin qaban gabbisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Obbo Salamoon Sokkaan eeraniiru.
Dubartoonni kutaalee biyyaattii hundarra walitti babba’an 70 dorgommii kanarratti kan hirmaatan yoo ta’uu, kanneen dorgommicha injifatan 10’f tokkoon tokkoo isaaniif Badhaasni Birrii kuma 100 kan kennamu ta’uu TOI gabaaseera.