Dorgommiin xumuraa Waancaa Kaarabaa’oo galgala har’aa geggeeffama

Dorgommiin xumuraa Waancaa Kaarabaa’oo galgala har’aa geggeeffama

 Finfinnee, Bitootessa 7, 2017(FMC) – Dorgommiin xumuraa Waancaa Kaarabaa’oo galgala har’aa saa’a 1:30 irratti istaadiyeemii Wembileeyitti Liivarpuulii fi Niwukaasil Yuunaayitid gidduutti geggeeffama.

Liivarpuul tapha walakkaa xumuraan kilaba kaaba Landan Tootenaam Hootispariin mo’atee xumuraaf ga’uun isaa ni yaadatama.

Niwukaasil Yuunaayitid ammoo kilaba Kaaba Londan kan biraa Arsenaaliin mo’atee xumuraaf ga’eera.

Gareewwan laman har’a waancaaf walfalman kunniin taphoota waliin taphatan shanan darban keessaa arfan isaaniin Liivarpuul yoo mo’atu, tapha tokkoon walqixa ba’aniiru.

Wandimmaaganyi Tsaggaayeetu gabaase.

Comments (0)
Add Comment