Dorgommiin walakkaa maaraatoonii 13ffaan guyyaa booru Bishooftuutti ni gaggeeffama

Finfinnee, Amajjii 23, 2012 (FBC) – Dorgommiin walakkaa maaraatoonii 13ffaan Ityoophiyaa guyyaa booru magaalaa Bishooftuutti ni gaggeeffama.
 
Fiigicha Walakkaa Maaraatoonii kana irratti naannoole fi bulchiinsa magaalootaa irraa Atleetoonni dhiiraa 427 fi dubartootaa 146 ni hirmaatu jedhameera.
 
Atleetoonni fiigicha kana moo’atan Birrii kuma dhibba 1 ni badhaafamu jedhameera.
 
Kaayyoon fiigicha kanaa Atleetoota shaampiyoonaa walakkaa maaraatoonii addunyaa Poolaand magaalaa Diiniyaatti gaggeeffamu irratti hirmaatan filachuuf akka ta’e ibsameera.
 
Fiigicha kanaan1ffaan Birrii kuma 20, 2ffaan kuma 10, 3ffaan kuma 7 badhaasa ni argatu jedhame.
 
Figicha walakkaa maaraatoonii Bishooftuu guyyaa booru kana irratti Atleetoonni qabxii fooyya’aa galmeessan shaampiyoonaa Diiniyaa kana irratti kan hirmaatan ta’uu ragaan Federeeshinii Atleetiksii Ityoophiyaa irraa argame ni mul’isa.
 
Shaampiyoonaan walakkaa Maaraatoonii addunyaa 24ffaan Guraandhala 20, 2012 Magaalaa Diiniyaatti ni gaggeeffama.
Comments (0)
Add Comment