Finfinnee, Hagayya 4, 2014 (FBC) – Pireezidaantiin Konferedeeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa Paatiriis Mootiseeppeen gita isaanii FIFA waliin Suuppar Liigii Afrikaa ifoomsan.
Suuppar Liigii Kilaboota Afrikaa kanaaf badhaasni waliigalaa Doolaara miiliyoona dhibba 1 qophaa’uu ibsameera.
Sagantaa ifoomsuu kanarratti Muummeen Ministiraa Taanzaaniyaa Qaasiim Maajaaliiwaan argamaniiru.
Dorgommii kanarratti kilaboonni biyyoota Afrikaa 24 keessaa walitti babba’an kan hirmaatan ta’uu ifoomeera.
Suuppar Liigichi waggaa tokko booda bara Faranjootaa 2023 baatii Hagayyaa ni eegala jedhame.
Kilaba Suuppar liigicha injifateef badhaasni Doolaara miiliyoona 11.5 kan laatamu ta’uus eerameera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.