Dorgommiin moo’aa moo’attootaa Dorgaa Dorgee Faanaa Laamroot 4ffaan boru xumurama

Finfinnee, Ebla 4, 2016 (FBC) – Dorgommiin moo’aa moo’attootaa Dorgaa Dorgee Faanaa Laamroot 4ffaan boru xumurama.
Torbeewwan 12 darbaniif dorgomtoota 16 gidduutti gaggeeffamaa kan ture Dorgaa Dorgeen Faanaa Laamroot torbee 13ffaan boru dorgommiin moo’aa moo’attootaa dorgomtoota 4 gidduutti taasiifamu hawwiin eegama.
Tigist Asmaaree, Heenook Birhaanuu, Bamlaak Biyaadigilinyii fi Haabtaamuu Yiheenaw boru Birrii miiliyoona 3.3 qooddachuuf falmiin taasiisan akkaan eegama.
Dorgomaan 1ffaa ba’e Birrii miiliyoona 1.5 kan badhaafamu yoo ta’u, kanneen 2ffaa – 4ffaa ba’an akkaatuma sadarkaa isaaniin badhaafamu jedhame.
Faanaa Biroodkaastiingi Korporeeti boru sa’aatii 5:30 irraa jalqabee Teeleeviizhiinii Faanaa, Fuula Feesbuukii, Teeleegiraamii fi Raadiyoon dhaggeeffattootaa fi daawwattoota isaaf kallattiin ni tamsaasa.

Lemlem Yohaannistu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment