Dorgommiin “Miss Oromia” Fulbaana 15 gaggeeffama

Finfinnee, Fulbaana 10, 2016 (FBC)- Dorgommiin “Miss Tuurizimii Oromiyaa” Fulbaana 15, 2016 akka gaggeeffamu Koomiishiniin Tuuriizimii Oromiyaa beeksise.

Koomiishinichi, bu’aalee hojiilee hojjetamaa jiraaniin argamanii fi qophii fuulduraa irratti ibsa miidiyaaleef kenneera.

Itti aanaan Koomishinara Koomishinii Tuurizimii Oromiyaa Obbo Naggaa Wadaajoo, Paarkiin Biyyaalessa Gaarreen Baalee Dhaabbata Barnoota, Saayinsii fi Aadaa Addunyaa irratti galmaa’uu isaaf baga gammaddan jedhan.

Hojiiwwan hojjetamaa turan keessaatti, tuuriizimii naannichaa dijitaalessuun, galii biyyaaf argamsiisuu irratti milkaa’innii argamuu himaniiru.

Kun ammoo, tuuriizimiin utubaalee diinagdee ta’uu isaan kan itti mirkanaa’eedha jedhan.

Akka Naannoo Oromiyaatti, daawwattota miiliyoona 5 naannichaa daawwatan irraa galiin Birrii biiliyoona 15 argamuun eerameera.

Obbo Naggaa Wadaajoo dabalataan akka ibsanitti dorgommiin “Miss Oromia” marsaa 3ffaan Fulbaana 13, 2016 egzibiishiniin eegalee, Fulbaana 15, 2016 kan gaggeeffamu ta’uun ibsameera.

Ayyaana Irreecha baranaa Fulbaana 26 fi 27 kan geggeeffamu ta’uu yaadachiisanii, ayyaanicha bareechuun hambaalee seenaa addunyaa irratti akka galmaa’uuf xiyyeeffannaan kan hojjetamu ta’uun himameera.

Jala bultii Irreechaatii eegalee torbeen tuuriizimii kan kabajamu yoo ta’u, keessummoonni biyyoota akka Ugaandaa, Taanzaaniyaa fi Keeniyaa irraa dhufuun kan hirmaatan ta’uu himaniiru.

Dinqaa Baacaa’tu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment