Dorgommiin Maaraatoonii Riilee 19ffaan Maqaleetti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Sadaasa 15, 2016 (FBC)- Dorgommiin Maaraatoonii Riilee 19ffaan Magaalaa Maqaleetti gaggeeffamaa jira.

Dorgommicharratti Atileetonni 84 kilaboota, naannolee fi bulchiinsa magaalotaa biyyattiirraa baba’an hirmaachaa jirau.

Koorniyaa lameeniin atileetota 1ffaa ba’aniif badhaasni Birri kuma 40, 2ffaaf Birrii kuma 20 akkasumas 3ffaa kan ba’aniif Birrii kuma 15 kan kennamu ta’uu ragaan Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Dorgommicharratti Pireezidaantii Ittaanaa Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay Leetenaal Jeneraal Tsaadiqaan Gabratinsaa’ee, Ministir Deetaa Ministeeraa Aadaa fi Ispoortii Ambaasaddar Masfiin Charinnat, Pireezidaantii Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa Gargaartuu Komiishinaraa Daraartuu Tulluun argamaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment