Finfinnee, Bitootessa 13,2017(FMC) – Dorgommiin liigii ispoortii barattootaa fi barsiisotaa Magaalaa Finfinnee 10ffaan har’a Istaadiyeemii Finfinneetti dorgomamuu eegale.
Dorgommichi dorgommii ligii ispoorii manneen barnootaa aadefachuun dhaloota ga’aa fi si’ataa ni uumna yaada jedhuun kan geggeeffamuu dha.
Biiroon Barnootaa Magaalaa Finfinnee fi Biiroon Dargaggoo fi Ispoorii Magaalichaa akka waliin qopheessan odeeffannoon Biiroo Barnootaa Magaalichaa irraa argame ni mul’isa.