Dorgommiin Kalaqa daldalaa dargaggootaa Abdii Ityoophiyaa magaalaa Finfinneetti eegalame

Finfinnee, Caamsaa 7, 2015 (FBC) – Biiroon Hojii, Misooma Interpiraayizii fi Indaastirii Magaalaa Finfinnee Dorgommii Kalaqa daldalaa dargaggootaa mata duree ‘Abdii Ityoophiyaa’ jedhuun magaalaa Finfinneetti gaggeessaa jira.

Dargaggoota kalaqa daldalaan yaada gaarii qabanii fi bu’aa qabeessa ta’aniif leenjii, Maallaqa ka’umsaa fi hojii daldalaan ga’umsa akka qabataan tumsa taasiisuuf dorgommii qophaa’e ta’uu eerameera.

Dargoggoonni kutaa magaalichaa hunda keessaa walitti babba’uun dorgomaa turan 158 keessaa 36 qabxii olaanaa galmeessisuun dorgommicharraatti hirmaachaa jiraachuu ragaan biiricharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment