Dorgommiin hubannoo uumuu itti fayyadama maaksii fi duula biyyaaleessa tumsu ifoome

Finfinnee, Hagayya 10, 2012 (FBC) –Ministeerri Fayyaa dorgommii hubannoo uumuu itti fayyadama haguuggii fuulaa fi duula biyyaaleessa tumsu ifoomseera.

Duulli faayida haguugdu fuulaa fi funyaani ibsu ‘Maaks Ityoophiyaa’ jedhuun preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen ifoomee hojirra oola jira.

Ministeerri Fayyaas kayyoocha miilkeessuf dorgommiin hubannoo uumuu itti fayyaadama haguuggii fuulaa fi duula biyyaaleessaa tumsu ifoomse.

Bu’uuruma kanaan qamooleen isaan ilallaatuu itti fayyadama maaksii kan barsiisuu, bu’aa inni keennu hunda hubachiisuu fi duula biyyaaleessa kan tumsu viidiyoo sekoondi 30 akkasumaas namoota suuraa dhiyeessuu hojiwwan raadiyoorratti dhiyaachuu danda’aan wal dorgomsisee baadhasa qopheessu beeksiseera.

Email kanaaf qophaa’ees moh@moh.gov.et fi www.mascethiopia@gmail.com akkasumaas fuula ministeera Fayyaarra seenuun odeeffaannoo guutu qophaa’eerratti hanga Hagayyaa 18,2012 itti erguun dorgomichaa akka hirmaattan waamicha dhiyeessera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment