Dorgommiin hojii kalaqaa barattoota gaggeeffama jira

Finfinnee, Sadaasa 1, 2013 (FBC)- Dorgommiin hojii kalaqaa barattoota Ministeera Barnootaa fi Istiim Paawoor wal ta’uun qopheessan gaggeeffama jira.

Dorgommichi mata duree ‘guyyaan saayinsii addunyaa nageenyaa fi guddiinaaf’  jedhuun qopha’ee  hojii kalaqaa ogeeyyii bakka garaagaraatti walitti babba’aani dhiyaateera.

Ministirri deetaan ministeera barnootaa Dooktar Garramuu Hulluuqaa, ministeerri barnoota kaarkulamii barnootaa foyyeessuun saayinsii fi teeknooloojiirratti xiyyeeffachuun akka hojjatu ibsaniiru.

Hojii baruu fi barsiisuu teeknooloojiin deggaruufis caalmaan hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Qophicharratti mariin paanaalii fi agarsifnii hojii kalaqaa gaggeeffameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

Comments (0)
Add Comment