Dorgommiin fiigichaa “Nageenyi hundaaf Hunduu nageenyaaf” jedhuun Waxabajjii 23 gaggeeffama

Finfinnee, Waxabajjii 1, 2016 (FBC)- Dorgommiin Fiigichaa mata duree “Nageenyi hundaaf Hunduu nageenyaaf” jedhuun sadarkaa biyyaalessaatti Waxabajjii 23, 2016 kan gaggeeffamu ta’uu Ministeerri Nageenyaa beeksise.

Dorgommichi, Ministeerri Nageenyaa, Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee fi Itiyoophiyaatti Fiigichaa Guddichaa waliin ta’uun naannolee hundaa fi bulchiinsa magaalotaatti kan gaggeeffamu ta’uun eerameera.

Ministir Deetaan Ministeera Nageenyaa Dooktar Kaayiraddiin Tazarraa akka jedhanitti, dorgommichi argisiistuu ispootii caalaa nageenyaa, diimookirasii, tokkummaa fi obbolummaati.

Fiigichichi miira injifattummaa Itiyoophiyaa kan calaqqisiisu ta’uu himuun, miira kanas nageenyaaf oolchuun akka barbaachisu dubbataniiru.

Dorgommichi lammiileen akka walbeekan, miirri tokkummaa akka cimuu taasisuuf kan kayyeffate ta’uu himuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment