Dorgommiin ‘Faanaa Laamroot’ marsaa 13ffaan eegale

Finfinnee, Bitootessa 30, 2015 (FBC)- Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeetiin kan qophaa’e dorgommiin ‘Faanaa Laamroot’ marsaa 13ffaan guyyaa har’aa eegaleera.

‘Faanaa Laamroot’ dorgomtoota haaraa waldorgomsiisuu kan eegale yoo ta’u, dorgomtoonni 12 ramaddii 2’tti qoodamuun ni hirmaatu.

Xumura dorgommii torbanoota sagaliif gaggeeffamuuf kan ga’an afur badhaafamtoota marsichaa ta’u jedhameera.

‘Faanaa Laamroot’ marsa 13ffaan badhaasa maallaqaa mo’attoota badhaasu guddisuun dorgommicha eegaleera.

Haaluma kanaan mo’ataa 1ffaaf Birrii kuma 400, 2ffaaf, Birrii kuma 300, 3ffaaf Birri kuma 200 akkasumas mo’ataa 4ffaaf Birri kuma 100 kan badhaasuudha.

Dawwattoonni dorgommichaas tamsasa kallattii fi ergaa gabaabaa 8222rratti dorgomtootaaf sagalee kennuu danda’u.

Kanaan dura ‘Faanaa Laamroot maraa 12 gaggeeffamuun kan yadatamuudha.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment