Dorgommiin Dorgaa dorgee Weellistootaa Faanaa Laamroot boqonnaa 10ffaan eegale

Finfinnee, Eebila 8, 2014 (FBC) – Teelevizhiinii Faanaan kan qophaa’uu dorgommiin Dorgaa dorgee Weellistootaa Faanaa Laamroot boqonnaa 10ffaan guyyaa har’aa eegaleera.

Dorgommichi  dorgomtoota haaraan tamsaasa kallattiin kan eegale yoo ta’u, ramaddii lamaan kan qoodaman dorgomtoonni boqonnaa 10ffaa dorgomtoota 12dha.

Dorgomtoonni ramaddii 1ffaa 6 tamsaasa kallattiin muuziqaa filataniin marsaa sadiin dorgomaniiru.

Dorgommiin boqonnaa 10ffaan kun torbanoota 9’f kan turu yoo ta’u dorgomtoonni 4 marsaa xumuraaf ga’an akkaataa sadarkaa isaaniitiin badhaasni Birrii kumni dhibbi 5 qophaa’eera.

Haaluma kanaan 1ffaa kan ba’eef Birrii kumni dhibbi 2, 2ffaaf Birrii kumni dhibbi 1 fi kumni 50, 3ffaaf Birrii kumni dhibbi 1 akkasumas Sadarkaa 4ffaa kan argateef Birrii kuma 50 kan badhaafamu ta’a.

Daawwattoonni karaa ergaa gabaabaa 8222 dorgomtoota kanneeniif sagalee isaanii kennuun ni danda’u.

Dorgommii dorgaa dorgee Faanaa Laamroot boqonnaa 9ffaa torban lama dura gaggeeffameen dorgomtoonni muuziqaa ofii filatanii fi abbootiin seeraa filataniifiin dorgomuun sadarkaa 1ffaa hanga 4ffaa warreen ba’aniif badhaasni waliigalaa Birrii kuma dhibba 5 taasifameefii ture.

Aluulaa Gabra’amlaak dorgommichaan injifachuun isaa ni yaadatama.

Fatiyaa Abdallaatu gabaase.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

Comments (0)
Add Comment