Dorgommiin Biskileetii yeroo jalqabaaf Wancii-Dandiitti gaggeeffame

Finfinnee, Amajjii 25, 2016 (FBC)- Dorgommiin Biskileetii yeroo jalqabaaf Ikoo Tuurizimii Wancii-Dandiitti gaggeeffameeera.

Dorgommi kanarratti kilaabonni biyyattii 12 fi naannolee 7 hirmaataniiru.

Sadarkaa Pireezidaantii Ittaanaatti Qindeessaan Kilaastara Hawaasummaa Obbo Abdulhaakiim Muluu, Iko Tuurizimii Haroo Wancii-Dandii ispoorteessitootaaf carraa bal’aa fidee dhufuu himan.

Ikkoo tuuriizimii Wancii Dandii guddina tuurizimii qofaaf osoo hintaane guddina ispoortii keessattillee shoora olaanaa akka qabu dubbataniiru.

Hoogganaan Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa Obbo Maatiwoos Sobbooqaa gama isaaniin dorgommiin ispoortii adda addaatiif bakka filatamaa ta’uu himuun jaallattoonni ispoortii hunduu carraa kanatti fayyadamuun guddina ispoortii keessatti gahee isaani akka bahan dhaamuu ragaan kominikeshinii naanno oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Dorgommii kanarrattis dorgomtoonni sadarkaa 1-6ffaatti bahaniif badhaasni Birrii, meedaaliyaa fi waancaa kennameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment