Dorgommiin Beetkiingii Priimayeer Liigii Ityoophiyaa marsaa 3ffaan xumurame

Finfinnee, Eebila 25, 2014 (FBC) – Dorgommiin Beetkiingii Priimayeer Liigii Ityoophiyaa marsaa 3ffaan magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa ture xumurameera.
Marsaa 3ffaa kanaan waliigala taphoonni 48 kan taphataman yoo ta’uu, gooliwwan 110 galaniiru jedhame.
Turtii Adaamaan Hadiyyaa Hoosaa’inaa fi Qidduus Giyoorgis osoo hin moo’atamin kilaboota saganticha xumuran ta’uu ibsameera.
Magaalaa Sabbataa, Abbaa Jifaarii fi Magaalaan Finfinnee kilaboota yaaddoo bu’uu keessa ta’uun gara Bahaar Daaritti imalan ta’uus ibsameera.
Taphoonni Beetkiingii Priimayer Liigii Ityoophiyaa marsaa 4ffaan Magaalaa Bahaar Daaritti itti fufa jedhameera.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment