Dorgommii Maraatooni Walakkaa dhiirotaa fi dubartootaa Turkitti gaggeeffameen Atileetonni Itiyoophiyaa milkaa’an

Finfinnee, Fulbaana 27, 2016 (FBC)- Dorgommii Maraatooni Walakkaa dhiirotaa fi dubartootaa Turki Ankaaraatti gaggeeffameen Atileetonni Itiyoophiyaa injifataniiru.

Dorgommicha dhiirotaan Atileet Siisaay Lammaa sa’aatii 1 fi daqiiqaa 1 fi sekoondii 9’n yoo injifatu, Atileet Cimdeessaa Dabalee 2ffaa ba’uun Meedaaliyaa Meetii injifachuu ragaan World Athletics irraa argame ni mul’isa.

Dabaltaan Atileet Zawudiituu Adaraawu fiigicha Maraatoonii Walakkaa dubartootaan Sa’aatii 1 fi Daqiiqaa 8 fi sekoondii 27’n xumuruun injifachuu dandeessseetti.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment